quranm◉

Fuula 24

Range
from 2:154 to 2:163
Surahs covered
Hiikkaa
10 Hiikkaa

◉

2:154

وَلَا تَقُولُواْ لِمَن يُقۡتَلُ فِي سَبِيلِ ٱللَّهِ أَمۡوَٰتُۢۚ بَلۡ أَحۡيَآءٞ وَلَٰكِن لَّا تَشۡعُرُونَ ﴿154﴾

Nama karaa Rabbii keessatti ajjeefamuun du’aadha hin jedhinaaDhugumatti isaan fayyaadha, garuu isin hin beektanu.

2:155

وَلَنَبۡلُوَنَّكُم بِشَيۡءٖ مِّنَ ٱلۡخَوۡفِ وَٱلۡجُوعِ وَنَقۡصٖ مِّنَ ٱلۡأَمۡوَٰلِ وَٱلۡأَنفُسِ وَٱلثَّمَرَٰتِۗ وَبَشِّرِ ٱلصَّـٰبِرِينَ ﴿155﴾

Dhugumatti sodaa fi beela irraa wanta tokkoon, akkasumas qabeenya, lubbuu fi fuduraale irraa hir’isuun isin qorra (mokkorra). Warra obsan gammachiisi.

2:156

ٱلَّذِينَ إِذَآ أَصَٰبَتۡهُم مُّصِيبَةٞ قَالُوٓاْ إِنَّا لِلَّهِ وَإِنَّآ إِلَيۡهِ رَٰجِعُونَ ﴿156﴾

Isaan warra yeroo balaan isaan tuqe, “Dhugumatti nuti kan Rabbiiti, nuti gara Isaatti deebi’oodha.” Jedhaniidha

2:157

أُوْلَـٰٓئِكَ عَلَيۡهِمۡ صَلَوَٰتٞ مِّن رَّبِّهِمۡ وَرَحۡمَةٞۖ وَأُوْلَـٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡمُهۡتَدُونَ ﴿157﴾

Isaan warra faaruu fi tolli Gooftaa isaanii irraa ta’e isaan irra jiruudha. Warri sun isaanumatu qajeelfamoodha.

2:158

إِنَّ ٱلصَّفَا وَٱلۡمَرۡوَةَ مِن شَعَآئِرِ ٱللَّهِۖ فَمَنۡ حَجَّ ٱلۡبَيۡتَ أَوِ ٱعۡتَمَرَ فَلَا جُنَاحَ عَلَيۡهِ أَن يَطَّوَّفَ بِهِمَاۚ وَمَن تَطَوَّعَ خَيۡرٗا فَإِنَّ ٱللَّهَ شَاكِرٌ عَلِيمٌ ﴿158﴾

Dhugumatti, Safaafi Marwaan mallattoolee Rabbii irraayyiNamni Manichatti hajja’e yookiin umraa godhe isaan lamaan jidduu naanna’uun badiin isarra hin jiruNamni fedhii isaatiin toltuu hojjates (ni mindeeffama)Rabbiin galateeffataa beekaadha

2:159

إِنَّ ٱلَّذِينَ يَكۡتُمُونَ مَآ أَنزَلۡنَا مِنَ ٱلۡبَيِّنَٰتِ وَٱلۡهُدَىٰ مِنۢ بَعۡدِ مَا بَيَّنَّـٰهُ لِلنَّاسِ فِي ٱلۡكِتَٰبِ أُوْلَـٰٓئِكَ يَلۡعَنُهُمُ ٱللَّهُ وَيَلۡعَنُهُمُ ٱللَّـٰعِنُونَ ﴿159﴾

Dhugumatti, isaannan waan Nuti buufne kan ragaawwan ifa ta’aniifi qajeelfama irraa ta’e erga kitaabicha (keenya) keessatti namootaaf addeessinee booda dhoksan, warra san Rabbiin isaan abaara; warri abaaranus isaan abaaru.

2:160

إِلَّا ٱلَّذِينَ تَابُواْ وَأَصۡلَحُواْ وَبَيَّنُواْ فَأُوْلَـٰٓئِكَ أَتُوبُ عَلَيۡهِمۡ وَأَنَا ٱلتَّوَّابُ ٱلرَّحِيمُ ﴿160﴾

Garuu warri tawbatanii, hojii gaarii hojjatanii, (dhugaa dhoksan san) ifatti mul’isan warra san tawbaa isaanii isaan irraa nan qeebalaAni akkaan tawba-qeebalaa, akkaan rahmata godhaadha.

2:161

إِنَّ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ وَمَاتُواْ وَهُمۡ كُفَّارٌ أُوْلَـٰٓئِكَ عَلَيۡهِمۡ لَعۡنَةُ ٱللَّهِ وَٱلۡمَلَـٰٓئِكَةِ وَٱلنَّاسِ أَجۡمَعِينَ ﴿161﴾

Dhugumatti, warri kafaranii kaafirtoota ta’anii du’an, sunniin abaarsi Rabbii, malaa’ikootaafi kan namoota hundaatuu isaan irra jiraata.

2:162

خَٰلِدِينَ فِيهَا لَا يُخَفَّفُ عَنۡهُمُ ٱلۡعَذَابُ وَلَا هُمۡ يُنظَرُونَ ﴿162﴾

Isii keessa yeroo hunda jiraatuadabbiin isaan irraa hin salphifamuBaallamnis isaaniif hin kennamu.

2:163

وَإِلَٰهُكُمۡ إِلَٰهٞ وَٰحِدٞۖ لَّآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ ٱلرَّحۡمَٰنُ ٱلرَّحِيمُ ﴿163﴾

Gabbaramaan keessan gabbaramaa tokkichaIsa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru(Inni) akkaan mararfataa rahmata godhaadha.