quranm◉

Surah Al-Jathiyah transliteration

◉ Suuraa · ∞

45:1

حمٓ ﴿1﴾

Transliteration: Hameem

Translation: Haa Miim.

45:2

تَنزِيلُ ٱلۡكِتَٰبِ مِنَ ٱللَّهِ ٱلۡعَزِيزِ ٱلۡحَكِيمِ ﴿2﴾

Transliteration: Tanzeelu alkitabi mina Allahi alAAazeezi alhakeemi

Translation: Bu’iinsi Qur’aanaa Rabbii Injifataa, ogeessa ta’e irraayi

45:3

إِنَّ فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ لَأٓيَٰتٖ لِّلۡمُؤۡمِنِينَ ﴿3﴾

Transliteration: Inna fee alssamawati waalardi laayatin lilmumineena

Translation: Dhugumatti, samiifi dachii keessa mu’uminootaaf mallattooleetu jira.

45:4

وَفِي خَلۡقِكُمۡ وَمَا يَبُثُّ مِن دَآبَّةٍ ءَايَٰتٞ لِّقَوۡمٖ يُوقِنُونَ ﴿4﴾

Transliteration: Wafee khalqikum wama yabuththu min dabbatin ayatun liqawmin yooqinoona

Translation: Uumama keessaniifi lubbu qabeeyyii irraa waan Inni (Rabbiin dachii keessa) facaasu keessas namoota dhugaan amananiif raajiiwwantu jiru.

45:5

وَٱخۡتِلَٰفِ ٱلَّيۡلِ وَٱلنَّهَارِ وَمَآ أَنزَلَ ٱللَّهُ مِنَ ٱلسَّمَآءِ مِن رِّزۡقٖ فَأَحۡيَا بِهِ ٱلۡأَرۡضَ بَعۡدَ مَوۡتِهَا وَتَصۡرِيفِ ٱلرِّيَٰحِ ءَايَٰتٞ لِّقَوۡمٖ يَعۡقِلُونَ ﴿5﴾

Transliteration: Waikhtilafi allayli waalnnahari wama anzala Allahu mina alssamai min rizqin faahya bihi alarda baAAda mawtiha watasreefi alrriyahi ayatun liqawmin yaAAqiloona

Translation: Wal dhabuu halkanii, guyyaatiifi rooba irraa waan Rabbiin duumeessa irraa buusee, dachii eega goggogina isheetii ittiin magarseefi qilleensa gara gaggalchuu keessa warra xinxalaniif mallattooleen taatuudha.

45:6

تِلۡكَ ءَايَٰتُ ٱللَّهِ نَتۡلُوهَا عَلَيۡكَ بِٱلۡحَقِّۖ فَبِأَيِّ حَدِيثِۭ بَعۡدَ ٱللَّهِ وَءَايَٰتِهِۦ يُؤۡمِنُونَ ﴿6﴾

Transliteration: Tilka ayatu Allahi natlooha AAalayka bialhaqqi fabiayyi hadeethin baAAda Allahi waayatihi yuminoona

Translation: (Yaa Muhammad!) Kunniin keeyyattoota Rabbiitii, dhugaan sirratti dubbifnaSila erga Rabbiifi keeyyattoota Isaatii oduu akkamii amanu?

45:7

وَيۡلٞ لِّكُلِّ أَفَّاكٍ أَثِيمٖ ﴿7﴾

Transliteration: Waylun likulli affakin atheemin

Translation: Cufa nama akkaan kijibaa, dilaawaa ta’eetiif laga ibiddaatu jira.

45:8

يَسۡمَعُ ءَايَٰتِ ٱللَّهِ تُتۡلَىٰ عَلَيۡهِ ثُمَّ يُصِرُّ مُسۡتَكۡبِرٗا كَأَن لَّمۡ يَسۡمَعۡهَاۖ فَبَشِّرۡهُ بِعَذَابٍ أَلِيمٖ ﴿8﴾

Transliteration: YasmaAAu ayati Allahi tutla AAalayhi thumma yusirru mustakbiran kaan lam yasmaAAha fabashshirhu biAAathabin aleemin

Translation: Keeyyattoota Rabbii kan isa irratti dubbifaman dhaga’aa; ergasii akka waan ishee hin dhaga’iniitti boona isaa itti fufaadabbii laalessaan isa gammachiisi.

45:9

وَإِذَا عَلِمَ مِنۡ ءَايَٰتِنَا شَيۡـًٔا ٱتَّخَذَهَا هُزُوًاۚ أُوْلَـٰٓئِكَ لَهُمۡ عَذَابٞ مُّهِينٞ ﴿9﴾

Transliteration: Waitha AAalima min ayatina shayan ittakhathaha huzuwan olaika lahum AAathabun muheenun

Translation: Yeroo keeyyattoota keenya irraa waa beeke qishina (qoosaa) ishee godhataWarra san adabbii xiqqeessaa ta’etu isaaniif jira.

45:10

مِّن وَرَآئِهِمۡ جَهَنَّمُۖ وَلَا يُغۡنِي عَنۡهُم مَّا كَسَبُواْ شَيۡـٔٗا وَلَا مَا ٱتَّخَذُواْ مِن دُونِ ٱللَّهِ أَوۡلِيَآءَۖ وَلَهُمۡ عَذَابٌ عَظِيمٌ ﴿10﴾

Transliteration: Min waraihim jahannamu wala yughnee AAanhum ma kasaboo shayan wala ma ittakhathoo min dooni Allahi awliyaa walahum AAathabun AAatheemun

Translation: Fuuldura isaanii jahannamtu jiraWanti isaan horatanis ta’ee wanti isaan Rabbiin ala jaalallee godhatanis homaa isaan irraa hin deebisanuIsaaniif adabbii guddaatu jira.

45:11

هَٰذَا هُدٗىۖ وَٱلَّذِينَ كَفَرُواْ بِـَٔايَٰتِ رَبِّهِمۡ لَهُمۡ عَذَابٞ مِّن رِّجۡزٍ أَلِيمٌ ﴿11﴾

Transliteration: Hatha hudan waallatheena kafaroo biayati rabbihim lahum AAathabun min rijzin aleemin

Translation: (Qur’aanni) kun qajeelfamaIsaan keeyyattoota Gooftaa isaaniitti kafaran, qooda adabbii laalessaa irraa ta’etu isaaniif jira.

45:12

ٱللَّهُ ٱلَّذِي سَخَّرَ لَكُمُ ٱلۡبَحۡرَ لِتَجۡرِيَ ٱلۡفُلۡكُ فِيهِ بِأَمۡرِهِۦ وَلِتَبۡتَغُواْ مِن فَضۡلِهِۦ وَلَعَلَّكُمۡ تَشۡكُرُونَ ﴿12﴾

Transliteration: Allahu allathee sakhkhara lakumu albahra litajriya alfulku feehi biamrihi walitabtaghoo min fadlihi walaAAallakum tashkuroona

Translation: Rabbiin Isa galaana, akka dooniwwan ajaja Isaatiin isa keessa deeman, akka tola Isaa irraa kajeeltaniifi akka Isa galateeffattaniif jecha isiniif laaffise sani,

45:13

وَسَخَّرَ لَكُم مَّا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِي ٱلۡأَرۡضِ جَمِيعٗا مِّنۡهُۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَٰتٖ لِّقَوۡمٖ يَتَفَكَّرُونَ ﴿13﴾

Transliteration: Wasakhkhara lakum ma fee alssamawati wama fee alardi jameeAAan minhu inna fee thalika laayatin liqawmin yatafakkaroona

Translation: Waan samii keessa jiruufi waan dachii keessa jiru hunda (laaffisuu) Isa irraa ta’e isiniif laaffiseDhugumatti, kana keessa ummattoota xiinxalaniif mallattooleetu jira.

45:14

قُل لِّلَّذِينَ ءَامَنُواْ يَغۡفِرُواْ لِلَّذِينَ لَا يَرۡجُونَ أَيَّامَ ٱللَّهِ لِيَجۡزِيَ قَوۡمَۢا بِمَا كَانُواْ يَكۡسِبُونَ ﴿14﴾

Transliteration: Qul lillatheena amanoo yaghfiroo lillatheena la yarjoona ayyama Allahi liyajziya qawman bima kanoo yaksiboona

Translation: (Yaa Muhammad!) Warra amananiin, “warra guyyoota Rabbii hin sodaanneef dhiifama godhaa” jedhiAkka Inni namootaaf waan isaan dalaganiin mindaa kennuuf (dhiifama godhaa).

45:15

مَنۡ عَمِلَ صَٰلِحٗا فَلِنَفۡسِهِۦۖ وَمَنۡ أَسَآءَ فَعَلَيۡهَاۖ ثُمَّ إِلَىٰ رَبِّكُمۡ تُرۡجَعُونَ ﴿15﴾

Transliteration: Man AAamila salihan falinafsihi waman asaa faAAalayha thumma ila rabbikum turjaAAoona

Translation: Namni toltuu hojjate lubbuma isaatiifiNamni badii dalages isheedhuma irrattiErgasii gara Gooftaa keessanii deebifamtu

45:16

وَلَقَدۡ ءَاتَيۡنَا بَنِيٓ إِسۡرَـٰٓءِيلَ ٱلۡكِتَٰبَ وَٱلۡحُكۡمَ وَٱلنُّبُوَّةَ وَرَزَقۡنَٰهُم مِّنَ ٱلطَّيِّبَٰتِ وَفَضَّلۡنَٰهُمۡ عَلَى ٱلۡعَٰلَمِينَ ﴿16﴾

Transliteration: Walaqad atayna banee israeela alkitaba waalhukma waalnnubuwwata warazaqnahum mina alttayyibati wafaddalnahum AAala alAAalameena

Translation: Dhugumatti, ilmaan Israa’iliif kitaaba, hubannoo seera isaatiifi nabiyyummaas kennineerraWantoota gaggaarii irraas isaaniif kenninee, aalama (yeroo isaanii) hunda irras isaan caalchifne.

45:17

وَءَاتَيۡنَٰهُم بَيِّنَٰتٖ مِّنَ ٱلۡأَمۡرِۖ فَمَا ٱخۡتَلَفُوٓاْ إِلَّا مِنۢ بَعۡدِ مَا جَآءَهُمُ ٱلۡعِلۡمُ بَغۡيَۢا بَيۡنَهُمۡۚ إِنَّ رَبَّكَ يَقۡضِي بَيۡنَهُمۡ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِ فِيمَا كَانُواْ فِيهِ يَخۡتَلِفُونَ ﴿17﴾

Transliteration: Waataynahum bayyinatin mina alamri fama ikhtalafoo illa min baAAdi ma jaahumu alAAilmu baghyan baynahum inna rabbaka yaqdee baynahum yawma alqiyamati feema kanoo feehi yakhtalifoona

Translation: Shari’aa irraas waan ifa ta’e isaaniif kannineErga beekumsi isaanitti dhufee booda, jibbansa gidduu isaanii jiruuf malee (waan birootiif) wal hin dhabneDhugumatti, Gooftaan kee waan isaan isa keessatti wal dhabaa turan keessatti Guyyaa Qiyaamaa gidduu isaanitti murteessa.

45:18

ثُمَّ جَعَلۡنَٰكَ عَلَىٰ شَرِيعَةٖ مِّنَ ٱلۡأَمۡرِ فَٱتَّبِعۡهَا وَلَا تَتَّبِعۡ أَهۡوَآءَ ٱلَّذِينَ لَا يَعۡلَمُونَ ﴿18﴾

Transliteration: Thumma jaAAalnaka AAala shareeAAatin mina alamri faittabiAAha wala tattabiAA ahwaa allatheena la yaAAlamoona

Translation: Ergasii karaa ajaja (keenya) irraa ta’e irra si keenyee, ishee hordofiFedha lubbuu warra homaa hin beeknee hin hordofin.

45:19

إِنَّهُمۡ لَن يُغۡنُواْ عَنكَ مِنَ ٱللَّهِ شَيۡـٔٗاۚ وَإِنَّ ٱلظَّـٰلِمِينَ بَعۡضُهُمۡ أَوۡلِيَآءُ بَعۡضٖۖ وَٱللَّهُ وَلِيُّ ٱلۡمُتَّقِينَ ﴿19﴾

Transliteration: Innahum lan yughnoo AAanka mina Allahi shayan wainna alththalimeena baAAduhum awliyao baAAdin waAllahu waliyyu almuttaqeena

Translation: Isaan homaa (adabbii) Rabbii irraa si hin duroomsanMiidhaa hojjattoonni gariin isaanii jaalallee gariitiRabbiin immoo jaalallee warra Isa sodaataniiti.

45:20

هَٰذَا بَصَـٰٓئِرُ لِلنَّاسِ وَهُدٗى وَرَحۡمَةٞ لِّقَوۡمٖ يُوقِنُونَ ﴿20﴾

Transliteration: Hatha basairu lilnnasi wahudan warahmatun liqawmin yooqinoona

Translation: (Qur’aanni) kun namootaaf beekumsa ifa ba’aadhaWarra dhugoomsaniif qajeelfamaafi rahmata.

45:21

أَمۡ حَسِبَ ٱلَّذِينَ ٱجۡتَرَحُواْ ٱلسَّيِّـَٔاتِ أَن نَّجۡعَلَهُمۡ كَٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّـٰلِحَٰتِ سَوَآءٗ مَّحۡيَاهُمۡ وَمَمَاتُهُمۡۚ سَآءَ مَا يَحۡكُمُونَ ﴿21﴾

Transliteration: Am hasiba allatheena ijtarahoo alssayyiati an najAAalahum kaallatheena amanoo waAAamiloo alssalihati sawaan mahyahum wamamatuhum saa ma yahkumoona

Translation: Sila warri hamtuu hojjatan, jiraa isaaniitiifi du’aa isaaniitis akka warra amananii toltuu hojjatanii gochuu keenya yaadanii? Wanti isaan murteessan waa fokkate!

45:22

وَخَلَقَ ٱللَّهُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ بِٱلۡحَقِّ وَلِتُجۡزَىٰ كُلُّ نَفۡسِۭ بِمَا كَسَبَتۡ وَهُمۡ لَا يُظۡلَمُونَ ﴿22﴾

Transliteration: Wakhalaqa Allahu alssamawati waalarda bialhaqqi walitujza kullu nafsin bima kasabat wahum la yuthlamoona

Translation: Odoo hin miidhamne akka lubbuun hundi mindeeffamtuuf, Rabbiin samiifi dachii haqaan uume.

45:23

أَفَرَءَيۡتَ مَنِ ٱتَّخَذَ إِلَٰهَهُۥ هَوَىٰهُ وَأَضَلَّهُ ٱللَّهُ عَلَىٰ عِلۡمٖ وَخَتَمَ عَلَىٰ سَمۡعِهِۦ وَقَلۡبِهِۦ وَجَعَلَ عَلَىٰ بَصَرِهِۦ غِشَٰوَةٗ فَمَن يَهۡدِيهِ مِنۢ بَعۡدِ ٱللَّهِۚ أَفَلَا تَذَكَّرُونَ ﴿23﴾

Transliteration: Afaraayta mani ittakhatha ilahahu hawahu waadallahu Allahu AAala AAilmin wakhatama AAala samAAihi waqalbihi wajaAAala AAala basarihi ghishawatan faman yahdeehi min baAAdi Allahi afala tathakkaroona

Translation: Sila nama gabbaramaa isaa fedhii isaa godhate, kan Rabbiin beekumsaan isa jallisee, dhageettii isaatiifi onnee isaa irratti cufee, ija isaa irrattis haguuggaa godhe mee naaf himi? Erga Rabbiin (jallisee) booda eenyutu isa qajeelcha? Sila hin gorfamtanuu?

45:24

وَقَالُواْ مَا هِيَ إِلَّا حَيَاتُنَا ٱلدُّنۡيَا نَمُوتُ وَنَحۡيَا وَمَا يُهۡلِكُنَآ إِلَّا ٱلدَّهۡرُۚ وَمَا لَهُم بِذَٰلِكَ مِنۡ عِلۡمٍۖ إِنۡ هُمۡ إِلَّا يَظُنُّونَ ﴿24﴾

Transliteration: Waqaloo ma hiya illa hayatuna alddunya namootu wanahya wama yuhlikuna illa alddahru wama lahum bithalika min AAilmin in hum illa yathunnoona

Translation: “Jireenya keenya kan addunyaa malee isheen (jiruun biraa) hin jirtu; ni duuna; (gariin keenyas) ni jiraanna; yeroo malee wanti nu balleessu hin jiru” jedhanWaan kanatti beekumsa homaatuu hin qabanuIsaan se’oo malee hin taane.

45:25

وَإِذَا تُتۡلَىٰ عَلَيۡهِمۡ ءَايَٰتُنَا بَيِّنَٰتٖ مَّا كَانَ حُجَّتَهُمۡ إِلَّآ أَن قَالُواْ ٱئۡتُواْ بِـَٔابَآئِنَآ إِن كُنتُمۡ صَٰدِقِينَ ﴿25﴾

Transliteration: Waitha tutla AAalayhim ayatuna bayyinatin ma kana hujjatahum illa an qaloo itoo biabaina in kuntum sadiqeena

Translation: Yeroo keeyyattoonni keenya ifa ba’anii isaan irratti dubbifamanis, ragaan isaanii “yoo kan dhugaa dubbattan taataniif abbootii keenya fidaa” jechuu malee hin taane.

45:26

قُلِ ٱللَّهُ يُحۡيِيكُمۡ ثُمَّ يُمِيتُكُمۡ ثُمَّ يَجۡمَعُكُمۡ إِلَىٰ يَوۡمِ ٱلۡقِيَٰمَةِ لَا رَيۡبَ فِيهِ وَلَٰكِنَّ أَكۡثَرَ ٱلنَّاسِ لَا يَعۡلَمُونَ ﴿26﴾

Transliteration: Quli Allahu yuhyeekum thumma yumeetukum thumma yajmaAAukum ila yawmi alqiyamati la rayba feehi walakinna akthara alnnasi la yaAAlamoona

Translation: (Yaa Muhammad!) Jedhi: “Rabbumatu isin jiraachisee, ergasii isin ajjeesa; ergasii Guyyaa Qiyaamaa keessatti walitti isin qabaIsa keessa mamiin hin jiruGaruu irra hedduun namaa hin beekanu.”

45:27

وَلِلَّهِ مُلۡكُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۚ وَيَوۡمَ تَقُومُ ٱلسَّاعَةُ يَوۡمَئِذٖ يَخۡسَرُ ٱلۡمُبۡطِلُونَ ﴿27﴾

Transliteration: Walillahi mulku alssamawati waalardi wayawma taqoomu alssaAAatu yawmaithin yakhsaru almubtiloona

Translation: Mootummaan samiifi dachii kan RabbiitiGuyyaa Qiyaaman dhaabbattus, guyyaa san warri dharaa ni hoonga’u

45:28

وَتَرَىٰ كُلَّ أُمَّةٖ جَاثِيَةٗۚ كُلُّ أُمَّةٖ تُدۡعَىٰٓ إِلَىٰ كِتَٰبِهَا ٱلۡيَوۡمَ تُجۡزَوۡنَ مَا كُنتُمۡ تَعۡمَلُونَ ﴿28﴾

Transliteration: Watara kulla ommatin jathiyatan kullu ommatin tudAAa ila kitabiha alyawma tujzawna ma kuntum taAAmaloona

Translation: (Guyyaa san) ummata hunda jilbiiffatanii argitaUmmanni hunduu gara kitaaba isheetti waamamti“Har’a waan dalagaa turtan mindeeffamtu” (isaaniin jedhama)

45:29

هَٰذَا كِتَٰبُنَا يَنطِقُ عَلَيۡكُم بِٱلۡحَقِّۚ إِنَّا كُنَّا نَسۡتَنسِخُ مَا كُنتُمۡ تَعۡمَلُونَ ﴿29﴾

Transliteration: Hatha kitabuna yantiqu AAalaykum bialhaqqi inna kunna nastansikhu ma kuntum taAAmaloona

Translation: Kun kitaaba keenya kan isin irratti dhugaan dubbatuudhaDhugumatti, Nuti waan isin dalagaa turtan galmeessuu turre.

45:30

فَأَمَّا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّـٰلِحَٰتِ فَيُدۡخِلُهُمۡ رَبُّهُمۡ فِي رَحۡمَتِهِۦۚ ذَٰلِكَ هُوَ ٱلۡفَوۡزُ ٱلۡمُبِينُ ﴿30﴾

Transliteration: Faamma allatheena amanoo waAAamiloo alssalihati fayudkhiluhum rabbuhum fee rahmatihi thalika huwa alfawzu almubeenu

Translation: Isaan amananii, toltuu dalagan immoo Gooftaan isaanii rahmata Isaa keessa isaan seensisaKun isumatu milkii ifa galaadha.

45:31

وَأَمَّا ٱلَّذِينَ كَفَرُوٓاْ أَفَلَمۡ تَكُنۡ ءَايَٰتِي تُتۡلَىٰ عَلَيۡكُمۡ فَٱسۡتَكۡبَرۡتُمۡ وَكُنتُمۡ قَوۡمٗا مُّجۡرِمِينَ ﴿31﴾

Transliteration: Waamma allatheena kafaroo afalam takun ayatee tutla AAalaykum faistakbartum wakuntum qawman mujrimeena

Translation: Isaan kafaran immoo “sila keeyyatoonni Kiyya isin irratti dubbifamaa turtee, boontanii, ummata badoo hin turree?” (jedhamaan).

45:32

وَإِذَا قِيلَ إِنَّ وَعۡدَ ٱللَّهِ حَقّٞ وَٱلسَّاعَةُ لَا رَيۡبَ فِيهَا قُلۡتُم مَّا نَدۡرِي مَا ٱلسَّاعَةُ إِن نَّظُنُّ إِلَّا ظَنّٗا وَمَا نَحۡنُ بِمُسۡتَيۡقِنِينَ ﴿32﴾

Transliteration: Waitha qeela inna waAAda Allahi haqqun waalssaAAatu la rayba feeha qultum ma nadree ma alssaAAatu in nathunnu illa thannan wama nahnu bimustayqineena

Translation: Yeroo “waadaan Rabbii dhugaadha; Qiyaamaan akka dhuftu mamiin ishee keessa hin jiru” jedhame, “Qiyaamaan maal akka taate hin beeknu; mamii malee yaada (ishee) hin qabnuNuti dhugoomsoo hin taane” jettan.

45:33

وَبَدَا لَهُمۡ سَيِّـَٔاتُ مَا عَمِلُواْ وَحَاقَ بِهِم مَّا كَانُواْ بِهِۦ يَسۡتَهۡزِءُونَ ﴿33﴾

Transliteration: Wabada lahum sayyiatu ma AAamiloo wahaqa bihim ma kanoo bihi yastahzioona

Translation: Hamtuun waan dalaganii ifa isaaniif ba’a; wanti isaan itti qishnaa (qoosaa) turanis isaan marsa.

45:34

وَقِيلَ ٱلۡيَوۡمَ نَنسَىٰكُمۡ كَمَا نَسِيتُمۡ لِقَآءَ يَوۡمِكُمۡ هَٰذَا وَمَأۡوَىٰكُمُ ٱلنَّارُ وَمَا لَكُم مِّن نَّـٰصِرِينَ ﴿34﴾

Transliteration: Waqeela alyawma nansakum kama naseetum liqaa yawmikum hatha wamawakumu alnnaru wama lakum min nasireena

Translation: Ni jedhamaani: “Har’a akkuma isin qunnamtii guyyaa keessan kanaa dagattan (Nutis) isin daganna (isin dhiifna); teessoon keessanis ibidda; tumsitoonnis isiniif hin jiranu.”

45:35

ذَٰلِكُم بِأَنَّكُمُ ٱتَّخَذۡتُمۡ ءَايَٰتِ ٱللَّهِ هُزُوٗا وَغَرَّتۡكُمُ ٱلۡحَيَوٰةُ ٱلدُّنۡيَاۚ فَٱلۡيَوۡمَ لَا يُخۡرَجُونَ مِنۡهَا وَلَا هُمۡ يُسۡتَعۡتَبُونَ ﴿35﴾

Transliteration: Thalikum biannakumu ittakhathtum ayati Allahi huzuwan wagharratkumu alhayatu alddunya faalyawma la yukhrajoona minha wala hum yustaAAtaboona

Translation: Kun waan isin keeyyattoota Rabbii qishnaa (qoosaa) taasiiftaniifi waan jiruun addunyaa isin gowwoomsiteefiHar’a ishee (ibidda) irraa hin baafamanu; isaan ceephoos hin buufachiifamanu.

45:36

فَلِلَّهِ ٱلۡحَمۡدُ رَبِّ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَرَبِّ ٱلۡأَرۡضِ رَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ ﴿36﴾

Transliteration: Falillahi alhamdu rabbi alssamawati warabbi alardi rabbi alAAalameena

Translation: Faaruun kan Rabbii Gooftaa samiifi Gooftaa dachii, Gooftaa aalama hundaati.

45:37

وَلَهُ ٱلۡكِبۡرِيَآءُ فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۖ وَهُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلۡحَكِيمُ ﴿37﴾

Transliteration: Walahu alkibriyao fee alssamawati waalardi wahuwa alAAazeezu alhakeemu

Translation: Samiifi dachii keessatti boonni IsumaafiInnis injifataa, ogeessa.

Transliteration source: English Transliteration by Tanzil. Used under Tanzil's non-commercial terms; see the source and latest updates at Tanzil. Tanzil translation download