quranm◉

Surah Al-Ma'arij transliteration

◉ Suuraa · ∞

70:1

سَأَلَ سَآئِلُۢ بِعَذَابٖ وَاقِعٖ ﴿1﴾

Transliteration: Saala sailun biAAathabin waqiAAin

Translation: Adaba (kaafiroota irratti) argamaa ta'e kadhataan wahii kadhate.

70:2

لِّلۡكَٰفِرِينَ لَيۡسَ لَهُۥ دَافِعٞ ﴿2﴾

Transliteration: Lilkafireena laysa lahu dafiAAun

Translation: Kan kaafirootatti (argamu kadhate); wanti isa (adabicha) deebisu hin jiru.

70:3

مِّنَ ٱللَّهِ ذِي ٱلۡمَعَارِجِ ﴿3﴾

Transliteration: Mina Allahi thee almaAAariji

Translation: Rabbii Abbaa kortoowwanii ta'e irraa (argama)

70:4

تَعۡرُجُ ٱلۡمَلَـٰٓئِكَةُ وَٱلرُّوحُ إِلَيۡهِ فِي يَوۡمٖ كَانَ مِقۡدَارُهُۥ خَمۡسِينَ أَلۡفَ سَنَةٖ ﴿4﴾

Transliteration: TaAAruju almalaikatu waalrroohu ilayhi fee yawmin kana miqdaruhu khamseena alfa sanatin

Translation: Malaykonniifi Jibiriil guyyaa shallagni isaa waggoota kuma shantama ta'e keessatti gara Isaa ol koru.

70:5

فَٱصۡبِرۡ صَبۡرٗا جَمِيلًا ﴿5﴾

Transliteration: Faisbir sabran jameelan

Translation: Obsa gaarii obsi.

70:6

إِنَّهُمۡ يَرَوۡنَهُۥ بَعِيدٗا ﴿6﴾

Transliteration: Innahum yarawnahu baAAeedan

Translation: Isaan (adabicha) fagoo taasisanii isa ilaalu.

70:7

وَنَرَىٰهُ قَرِيبٗا ﴿7﴾

Transliteration: Wanarahu qareeban

Translation: Nuti immoo dhihootti isa argina.

70:8

يَوۡمَ تَكُونُ ٱلسَّمَآءُ كَٱلۡمُهۡلِ ﴿8﴾

Transliteration: Yawma takoonu alssamao kaalmuhli

Translation: Guyyaa Samiin akka meeta baqee taatu.

70:9

وَتَكُونُ ٱلۡجِبَالُ كَٱلۡعِهۡنِ ﴿9﴾

Transliteration: Watakoonu aljibalu kaalAAihni

Translation: (Guyyaa) Gaarreenis akka jibrii hiddamee taatu.

70:10

وَلَا يَسۡـَٔلُ حَمِيمٌ حَمِيمٗا ﴿10﴾

Transliteration: Wala yasalu hameemun hameeman

Translation: (Guyyaa) firri fira hin gaafanne.

70:11

يُبَصَّرُونَهُمۡۚ يَوَدُّ ٱلۡمُجۡرِمُ لَوۡ يَفۡتَدِي مِنۡ عَذَابِ يَوۡمِئِذِۭ بِبَنِيهِ ﴿11﴾

Transliteration: Yubassaroonahum yawaddu almujrimu law yaftadee min AAathabi yawmiithin bibaneehi

Translation: Isaan agarsiifamuNamni dilaawaan odoo ilmaan isaa kennee adabbii guyyaa sanii jalaa bilisa ba'ee jaalata.

70:12

وَصَٰحِبَتِهِۦ وَأَخِيهِ ﴿12﴾

Transliteration: Wasahibatihi waakheehi

Translation: Niitii isaatiifi obboleessa isaatiinis (odoo bilisa ba’ee jaalata);

70:13

وَفَصِيلَتِهِ ٱلَّتِي تُـٔۡوِيهِ ﴿13﴾

Transliteration: Wafaseelatihi allatee tuweehi

Translation: Firoota isaa kan ofitti isa maxxanfattuunis;

70:14

وَمَن فِي ٱلۡأَرۡضِ جَمِيعٗا ثُمَّ يُنجِيهِ ﴿14﴾

Transliteration: Waman fee alardi jameeAAan thumma yunjeehi

Translation: Nama dachii keessaa hunda (kennee) ergasii (fidaan sun) nagaa isa baasuu (jaalata).

70:15

كَلَّآۖ إِنَّهَا لَظَىٰ ﴿15﴾

Transliteration: Kalla innaha latha

Translation: Dhorgamaa! Dhugummatti, isheen balala ibiddaati.

70:16

نَزَّاعَةٗ لِّلشَّوَىٰ ﴿16﴾

Transliteration: NazzaAAatan lilshshawa

Translation: Buqqiftuu gogaa sammuuti.

70:17

تَدۡعُواْ مَنۡ أَدۡبَرَ وَتَوَلَّىٰ ﴿17﴾

Transliteration: TadAAoo man adbara watawalla

Translation: Nama (amantii irraa) duubatti deebi'ee, gara gale ni waamti.

70:18

وَجَمَعَ فَأَوۡعَىٰٓ ﴿18﴾

Transliteration: WajamaAAa faawAAa

Translation: (Qabeenya) walitti qabee (zakaa odoo hin kennin) lakkaa’u (hunda waamti)

70:19

إِنَّ ٱلۡإِنسَٰنَ خُلِقَ هَلُوعًا ﴿19﴾

Transliteration: Inna alinsana khuliqa halooAAan

Translation: Dhugumatti, namni obsa dhabeessa ta'ee uumame.

70:20

إِذَا مَسَّهُ ٱلشَّرُّ جَزُوعٗا ﴿20﴾

Transliteration: Itha massahu alshsharru jazooAAan

Translation: Yeroo hamtuun isa tuqe dallanaadha (gammachuu dhaba).

70:21

وَإِذَا مَسَّهُ ٱلۡخَيۡرُ مَنُوعًا ﴿21﴾

Transliteration: Waitha massahu alkhayru manooAAan

Translation: Yeroo wanti gaariin isa tuqe immoo dhorgataadha.

70:22

إِلَّا ٱلۡمُصَلِّينَ ﴿22﴾

Transliteration: Illa almusalleena

Translation: Warra sagadan malee;

70:23

ٱلَّذِينَ هُمۡ عَلَىٰ صَلَاتِهِمۡ دَآئِمُونَ ﴿23﴾

Transliteration: Allatheena hum AAala salatihim daimoona

Translation: Isaan salaata isaanii irratti gadi dhaabbatan (dawwaman malee);

70:24

وَٱلَّذِينَ فِيٓ أَمۡوَٰلِهِمۡ حَقّٞ مَّعۡلُومٞ ﴿24﴾

Transliteration: Waallatheena fee amwalihim haqqun maAAloomun

Translation: Isaan qabeenya isaanii keessa mirgi beekamaan jiru,

70:25

لِّلسَّآئِلِ وَٱلۡمَحۡرُومِ ﴿25﴾

Transliteration: Lilssaili waalmahroomi

Translation: Kadhataafi hiyyeessa hin kadhanneef,

70:26

وَٱلَّذِينَ يُصَدِّقُونَ بِيَوۡمِ ٱلدِّينِ ﴿26﴾

Transliteration: Waallatheena yusaddiqoona biyawmi alddeeni

Translation: Isaan Guyyaa Murtii dhugoomsan,

70:27

وَٱلَّذِينَ هُم مِّنۡ عَذَابِ رَبِّهِم مُّشۡفِقُونَ ﴿27﴾

Transliteration: Waallatheena hum min AAathabi rabbihim mushfiqoona

Translation: Isaan adabbii Gooftaa isaanii sodaatan(malee kan biroo obsa dhabaa dha).

70:28

إِنَّ عَذَابَ رَبِّهِمۡ غَيۡرُ مَأۡمُونٖ ﴿28﴾

Transliteration: Inna AAathaba rabbihim ghayru mamoonin

Translation: Dhugumatti, adabbiin Gooftaa isaanii amanamaa miti.

70:29

وَٱلَّذِينَ هُمۡ لِفُرُوجِهِمۡ حَٰفِظُونَ ﴿29﴾

Transliteration: Waallatheena hum lifuroojihim hafithoona

Translation: Isaan qaama saalaa isaanii tiiksan,

70:30

إِلَّا عَلَىٰٓ أَزۡوَٰجِهِمۡ أَوۡ مَا مَلَكَتۡ أَيۡمَٰنُهُمۡ فَإِنَّهُمۡ غَيۡرُ مَلُومِينَ ﴿30﴾

Transliteration: Illa AAala azwajihim aw ma malakat aymanuhum fainnahum ghayru maloomeena

Translation: Niitolii isaanii yookiin waan mirgi isaanii horatan irratti malee; dhugumatti, isaan komatamoo miti.

70:31

فَمَنِ ٱبۡتَغَىٰ وَرَآءَ ذَٰلِكَ فَأُوْلَـٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡعَادُونَ ﴿31﴾

Transliteration: Famani ibtagha waraa thalika faolaika humu alAAadoona

Translation: Namni sanaan ala barbaade immoo, isaan warra daangaa dabroodha.

70:32

وَٱلَّذِينَ هُمۡ لِأَمَٰنَٰتِهِمۡ وَعَهۡدِهِمۡ رَٰعُونَ ﴿32﴾

Transliteration: Waallatheena hum liamanatihim waAAahdihim raAAoona

Translation: Ammas isaan amaanaa isaaniitiifi waadaa isaanii eegan,

70:33

وَٱلَّذِينَ هُم بِشَهَٰدَٰتِهِمۡ قَآئِمُونَ ﴿33﴾

Transliteration: Waallatheena hum bishahadatihim qaimoona

Translation: Isaan ragaa isaaniitiin dhaabbatan,

70:34

وَٱلَّذِينَ هُمۡ عَلَىٰ صَلَاتِهِمۡ يُحَافِظُونَ ﴿34﴾

Transliteration: Waallatheena hum AAala salatihim yuhafithoona

Translation: Isaan salaata isaanii irratti tiikfatan.

70:35

أُوْلَـٰٓئِكَ فِي جَنَّـٰتٖ مُّكۡرَمُونَ ﴿35﴾

Transliteration: Olaika fee jannatin mukramoona

Translation: Warri sun jannata keessatti kabajamoodha.

70:36

فَمَالِ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ قِبَلَكَ مُهۡطِعِينَ ﴿36﴾

Transliteration: Famali allatheena kafaroo qibalaka muhtiAAeena

Translation: Warra kafareef maaltu jiraayi gara kee ariifatu?

70:37

عَنِ ٱلۡيَمِينِ وَعَنِ ٱلشِّمَالِ عِزِينَ ﴿37﴾

Transliteration: AAani alyameeni waAAani alshshimali AAizeena

Translation: Garee gareen mirgaafi bitaa irra guutanii.

70:38

أَيَطۡمَعُ كُلُّ ٱمۡرِيٕٖ مِّنۡهُمۡ أَن يُدۡخَلَ جَنَّةَ نَعِيمٖ ﴿38﴾

Transliteration: AyatmaAAu kullu imriin minhum an yudkhala jannata naAAeemin

Translation: Sila namni isaan irraa ta'e hundi jannata qananii seensifamuu kajeelaa?

70:39

كَلَّآۖ إِنَّا خَلَقۡنَٰهُم مِّمَّا يَعۡلَمُونَ ﴿39﴾

Transliteration: Kalla inna khalaqnahum mimma yaAAlamoona

Translation: Haa dhorgamanu! Nuti waanuma isaan beekan irraa isaan uumne.

70:40

فَلَآ أُقۡسِمُ بِرَبِّ ٱلۡمَشَٰرِقِ وَٱلۡمَغَٰرِبِ إِنَّا لَقَٰدِرُونَ ﴿40﴾

Transliteration: Fala oqsimu birabbi almashariqi waalmagharibi inna laqadiroona

Translation: Gooftaa Bahaafi Dhiha hedduutiinin kakadhaa! Nuti dhugumatti danda’oodha.

70:41

عَلَىٰٓ أَن نُّبَدِّلَ خَيۡرٗا مِّنۡهُمۡ وَمَا نَحۡنُ بِمَسۡبُوقِينَ ﴿41﴾

Transliteration: AAala an nubaddila khayran minhum wama nahnu bimasbooqeena

Translation: Namoota isaan irra caalan bakka buusuu irratti (danda'oo dha)Nuti dadhabsiifamoo hin taane.

70:42

فَذَرۡهُمۡ يَخُوضُواْ وَيَلۡعَبُواْ حَتَّىٰ يُلَٰقُواْ يَوۡمَهُمُ ٱلَّذِي يُوعَدُونَ ﴿42﴾

Transliteration: Fatharhum yakhoodoo wayalAAaboo hatta yulaqoo yawmahumu allathee yooAAadoona

Translation: Hanga Guyyaa isaaniif beellamame san qunnamanitti, (cubbuu keessa) seenanii haa taphatanii isaan dhiisi.

70:43

يَوۡمَ يَخۡرُجُونَ مِنَ ٱلۡأَجۡدَاثِ سِرَاعٗا كَأَنَّهُمۡ إِلَىٰ نُصُبٖ يُوفِضُونَ ﴿43﴾

Transliteration: Yawma yakhrujoona mina alajdathi siraAAan kaannahum ila nusubin yoofidoona

Translation: Guyyaa qabrii irraa arifataa ba'an isaan waan gara taabotaa dhangala'an fakkaatu.

70:44

خَٰشِعَةً أَبۡصَٰرُهُمۡ تَرۡهَقُهُمۡ ذِلَّةٞۚ ذَٰلِكَ ٱلۡيَوۡمُ ٱلَّذِي كَانُواْ يُوعَدُونَ ﴿44﴾

Transliteration: KhashiAAatan absaruhum tarhaquhum thillatun thalika alyawmu allathee kanoo yooAAadoona

Translation: Ijji isaanii xiqqaattee salphinni isaan haguugdiSun guyyaa isaan isa sodaachifamaa turaniidha.

Transliteration source: English Transliteration by Tanzil. Used under Tanzil's non-commercial terms; see the source and latest updates at Tanzil. Tanzil translation download